Silaa wal ajjeessuunuu safuudha. Wal ajjeesanii reeffa  waliitiin akkanatti taphachuun hoo ?

Madda Rakkoo fi Aangoo Siyaasaa


Maddi rakkinoota Itoophiyaa keessa turanii fi jiranii guddaan rakkoo siyaasaa ti. Maddi rakkoo siyaasaa kun ammoo Masaraa Minilik keessa. Silaa Maddi aangoo siyaasaa mootummaa kamiituu ummatoota mootummicha jalatti bulan tahuu male. Sanatu takkaa tahee hin beeku. Aangoon siyaasaa masaraa Minilik qawweedhaan gadi dhaabbate. Qawweedhaan tikfamaa har’a gahe. Sanumatu itti fufaa jiraasi. Waggoota 7 dura (2018) jijjiiramni Qabsoo Bilisummaa Oromootiin argame haala kana ni geeddara sehamee gariidhaan abdatamee ture.


Warri akka sanatti hin abadatinis qabsoon kana boodaa hanga duraanii ulfaataa hin tahu jedhanii tilmaaman. Sababni isaa  kan wiirtuu aangootti dhufe OPDO warra Mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromootti dabalamnee jirraa, sabni keenyaa fi kaanis dhiifama nuuf godhaa jechaa turan waan tahaniifi. Isaan garuu aangoo harkatti galfachuu mirkaneeffannaan warra isaan duraa caalaa bulguu tahanii as bahan. Akkanaan maddi aangoo siyaasaa masaraa Minilik Ummata tahuun (mootummaa ummataa argamsiisuun) abjuu tahee hafe.


Amma dhugaan jirtu, sababa rakkoo siyyaasaa Itoophiyaa kanaan miidhaan biyyaa fi ummata irra gahe (lubbuu dhala namaa fi qabeenya biyyaa gar-malee badeen yoo madaalame) inni waggoota 7 dabranii kan waggoota 27 isaan dura turee dachaa hedduudhaan caala.


Kuni tahuun ammoo hagasuma takka diddaan mootummaa irratti gaggeeffamus akka babal’atu taasise. Mootummaan diddaa golee biyyattii hedduu keessaa isa mudatan afaan qawweetiin tohachuu yaalus danda’uutti hin jiru. Danda’uufis hin deemu. Kun ammoo yoo akkanumaan itti fufe gama tokkoon sirna-dhablummaa, gama kaaniin abbaa-irrummaa dagaagsee badiisa waliigalaatti akka geessu tilmaamuun hin ulfaatu.


Waan taheef, madda rakkinichaa beekanii akkaataa sun itti furamu irratti hojii hojjetamuu qabu hojjechuu ykn. sanaaf qabsaawuu qofatu daandii furmaatatti geessu taha.  Kanaan achi miidhama suukanneessaa iddoo adda addaatti ummata irra gahaa ooluu fi yakkoota gurraan dhagahuun namatti ulfaatu dalagamaa oolan tokko tokkoon fuudhanii garuma fedhanii fi namatti fakkaatetti hiikkatanii burjaajawuu fi wal burjaajessuun ummata dhimmamnuufis tahe qabsoo haqaaf gaggeeffamu waan fayyadu hin qabu.


Yoo rakkinichi madda isaa irraa hin furamin guyyaan boruu isa har’aa caalaa dukkana, hamaa fi jibbisiisaa tahaatuma deema.