Qabsoo uummataa laga ceesisuuf
Qabsoo uummataa laga ceesisuuf dhaloonni ammaa siyaasaa bittaa fi gurgurtaa keessaa bahuu qaba jedhu Piroofeesar Mararaa Guddinaa.
Qabsoon siyaasaa Itoophiyaa waggoota shantamman darbanii dimookraasii dhugoomsuu hin dandeenye jedhu dura taa'aan KFO Prof. Mararaan.
Itoophiyaan maraammartoo jeequmsaa keessa bahuu hin dandeenye kan jedhan Piroofeesar Mararaan, kun immoo mootummaan fedha uummataan dhaabbatu dhugoomsuu dadhabuu irraa kan madde akka ta'e himan.
Waggoota 50 caalan darbaniif waldhaansoo siyaasaa keessa kan turan Piroofeesar Mararaan jijjiiramni dhugaa fi wabii qabu mootummaa fedha uummataa hundeessuu qofa jedhan.
Akkuma yeroon deemu qabsoonis bal’achaa dhufuu kan ibsan hayyuun siyaasaa, hojimaanni badaanis babal’ateera, hanni babal’ataa dhufe, naamusa dhabuun sadarkaa olaanaan babal’ate jedhan. Ilaalchi bittaa gurgurtaan hamaan siyaasa keessatti dhufuu himu.
Dhaloonni kun siyaasaa bittaafi gurgurtaa keessa darbuu akka qabu dhaaman hayyuun siyaasaa kun.
Egeree biyyaaf waan saditu murteessaa dha kan jedhan hayyuun siyaasaa kun, Nagaa waaraa, siyaasaa qajeelchuu (uummanni mootummaa ofii akka filatu gochuu) fi guddina diinagdee dhugoomsuu dha jedhan turtii Mo’aa TV waliin tolchaniin.
Maraammartoo bu’aa siyaasaa hin buufne keessaa ba’uufi qabsoo sabaa laga ceesisuuf mooraan siyaasaa wal dhaggeeffachuu akka qabu dhaaman dura taa'aan KFO Piroofeesar Mararaan.
0 Comments